Side by side with the Father's Heart Bible™ Zabuurii Wal jalaa Qabanii Faarfatan
1Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Allaah waaqeffatamtootaatiif galata galchaa.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
3Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
4inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
5inni ogummaa isaatiin shamaayʼuniiwwan uume;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
6inni bishaanota irratti lafa diriirse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
7inni ifa gurguddaa hojjete;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
8inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
9inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
10inni hangafa Gibxi dhaʼe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
11inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
12harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
13inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
14inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
15Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
16inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
17inni mootota gurguddaa dhaʼe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
18inni mootota jajjaboo fixe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
19inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
20inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
21inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
22dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
23Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
24inni harka diinota keenyaatii nu baase,Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
25inni uumama hundaaf soora kenna;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
26Allaah shamaayʼuniitiif galata galchaa.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.