Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Isaiah 15 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Raajii Moʼaabiin Mormu

1Raajii waaʼee Moʼaab:Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;halkanuma tokkottis baddeerti!Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;halkanuma tokkottis baddeerti!

2Diiboon gara mana qulqullummaatti,iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa;Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa.Mataan hundinuu haadamaa dha;areedni hundinuus cicciramaa dha.

3Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu;bantii manaatii fi waltajjii sabaa irrattihundi isaanii ni booʼu;imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.

4Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu;sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame.Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu;lubbuun isaaniis ni romʼite.

5Garaan koo Moʼaabiif iyya;kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti,hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu.Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu;karaa Hooronaayim irrattis,waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.

6Bishaanonni Niimriim goganiiru;margis coollageera;biqiltuuwwan lafaa badaniiru;wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.

7Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sanaLaga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.

8Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame;wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimittifaaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.

9Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru;ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida;warra Moʼaab keessaa baqatankanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]