Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Jeremiah 47 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1Dubbiin Rabbii Allaah kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas nabiiʼiyyichaa dhufe kanaa dha:

2Rabbii Allaahan akkana jedha:“Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.Uummanni ni booʼa;warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,girrisa gaariiwwan diinaatii fiqaqawweessa goommaa isaaniitiif.Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

4Filisxeemota hunda balleessuufhambaa Xiiroosii fi Siidoonaagargaaruuf hafan hundas balleessuufguyyaan sun dhufeeraatii.Rabbii Allaahan Filisxeemota,hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;Ashqaloon ni calʼisti.Yaa hambaa dirree irraaisin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6“Isin, ‘Yaa goraadee Rabbii Allaahati hamma yoomiitti hin boqonne?Manʼee keetti deebiʼi;calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.

7Garuu utuu Rabbii Allaahan isa ajajuu,yeroo Allaahan akka inni Ashqaloonii fiqarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennuttiinni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]