Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jeremiah 47 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

2Waaqayyo akkana jedha:“Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.Uummanni ni booʼa;warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,girrisa gaariiwwan diinaatii fiqaqawweessa goommaa isaaniitiif.Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

4Filisxeemota hunda balleessuufhambaa Xiiroosii fi Siidoonaagargaaruuf hafan hundas balleessuufguyyaan sun dhufeeraatii.Waaqayyo Filisxeemota,hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;Ashqaloon ni calʼisti.Yaa hambaa dirree irraaisin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyooati hamma yoomiitti hin boqonne?Manʼee keetti deebiʼi;calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.

7Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu,yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fiqarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennuttiinni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]