Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 146 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Waaqa Nama Gargaaru Faarfachuu

1Haalleluuyaa.Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.

2Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.

3Abdii keessan bulchitoota irra,namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.

4Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;guyyuma sanas karoorri isaanii bada.

5Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaasWaaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.

6Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa,galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.

7Inni warra cunqurfamaniif ni mura;warra beelaʼaniif nyaata kenna.Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;

8Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.

9Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha;ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fidubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.

10Waaqayyo bara baraan ni moʼa;Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.Haalleluuyaa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]