Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 146 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Waaqa Fayyisaa Leellisuu

1Mootii Waan Maraa leellisa'a!Ee lubbuu tiyyaMootii Waan Maraa leellisi!

2Ani bara le'ii tiyyaa maraMootii Waan Maraa leellisa;haga jiru mara Waaqa kiyyaaffaaruu leellisaa hin faarfadha.

3Worra isin baasuu hin dandeenne,qondaaltota ilmaan namaaitti hin addatina'a!

4Isaan yennaa du'anu,gara biyye'ee deebi'an;guyyuma san karoorri isaanii hin bada.

5Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e,ka Mootii Waan MaraaWaaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.

6Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa,abbaaya'aa fiwaan isaan keessa jiru mara dade;inni haga bara baraaaddatamummaa ifii hin eegata.

7Inni worra cunqurfameefhaqaan mura;worra beeloteef sagalee kenna.Mootiin Waan Maraaworra hidhame bilisa baasee,

8worra ballaa ila bana.Worra gad jedhe ol qaba;worra balchaa jaalata.

9Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fihaadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.

10Ee Xiyoon,Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,dhalootaa haga dhalootaatitti,haga bara baraa hin bulcha.Mootii Waan Maraa leellisa'a.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]