Side by side with the Father's Heart Bible™ Faaruu Daawitii.
1Ee Waaqa mootii kiyya,ani si hin saadadha;bara baraa haga bara baraamaqaa keeti hin leellifadha.
2Guyyuma guyya'aan si hin leellisa;bara baraa haga bara baraamaqaa keeti hin saadadha.
3Mootiin Waan Maraa gudda'a;guddoo leellifamuu male;guddinni isaaqorqoramee bira hin geyamu.
4Dhalooti tokko hujii teetidhaloota itti aanutti jaja;hujii teeti ta maade'ee hin lassa.
5Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaahin dubbatan;anille marroo hujii teeti ta baasaaitti deddeebi'ee hin yaadadha.
6Isaan marroo hunna hujii teetita baasaa hin dubbatan;anille guddinna keeti hin odeessa.
7Isaan marroo arjummaa teeti baca'aahin jilifatan;Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.
8Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e;aari'iif hin ariifattu;jaalalli isaalle gudda'a.
9Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a;inni waan ifii dade mara hin marara.
10Ee Mootii Waan Maraa,wonni ati dadde marti si hin leellifatti;kolbaan teeti marti si hin saadatti.
11Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,marroo hunna teetii hin dubbatan.
12Akka kanaan namooti martihujii teeti ta baasaatii fimootummaa teetiarnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.
13Mootummaan teetimootummaa bara baraa ti;ati haga bara baraa hin bulchita.
14Mootiin Waan Maraaworra jigaaru mara hin utuba;worra jigelle ol kaasa.
15Ilti nama maraa gara keeti ilaalti;atille sagalee isaaniiyennaa maltetti isaanii kennita.
16Ati harka keeti diriirsitee,halchaa waan lubbuu qabu maraahin quussita.
17Mootiin Waan Maraakaraa hujii ifii maraan balcha'a;waan huju maraan addatama'a.
18Mootiin Waan Maraaworra isa waammatu maraaf,worra dhuga'aan isa waammatu maraafdhikoo jira.
19Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;iyya isaaniille dhage'ee,isaan hin baasa.
20Mootiin Waan Maraaworra isa jaalatu mara hin eega;worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.
21Afaan kiyyaleellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata;ka foon uffate martillebara baraa haga bara baraa,maqaa isaa woyyicha hin leellisa.