Side by side with the Father's Heart Bible™ Faarfannaa Daawit.
Waaqayyo Mootichaaf Galata Galchuu
1Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
2Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
3Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
4Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
5Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
6Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;anis guddina kee nan labsa.
7Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
8Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
10Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;qulqulloonni kees si leellisu.
11Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
12kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
13Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.
14Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;warra gad qabaman hundas ni kaasa.
15Iji nama hundaa si eeggata;atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
16Ati harka kee balʼifteefedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
17Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.
18Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
19Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
20Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
21Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sanabara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.