Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 145 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Daawud.

Allaahan Mootichaaf Galata Galchuu

1Yaa Allaah koo Mooticha, ani sin leellisa;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.

2Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.

3Rabbii Allaahan guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

4Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.

5Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.

6Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;anis guddina kee nan labsa.

7Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.

8Rabbii Allaahan arjaa fi gara laafessa;inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

9Rabbii Allaahan, nama hundaaf gaarii dha;inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.

10Rabbii Allaah, hojiin kee hundinuu si galateeffata;qulqulloonni kees si leellisu.

11Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;waaʼee humna keetiis ni dubbatu;

12kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.

13Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.

14Rabbii Allaahan warra kufan hunda ol qaba;warra gad qabaman hundas ni kaasa.

15Iji nama hundaa si eeggata;atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.

16Ati harka kee balʼifteefedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.

17Rabbii Allaahan karaa isaa hundaan qajeelaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.

18Rabbii Allaahan warra isa waammatan hundatti,warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.

19Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;duʼaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.

20Rabbii Allaahan warra isa jaallatan hunda ni eega;jalʼoota hunda garuu ni balleessa.

21Afaan koo Rabbii Allaah galateeffachuudhaan ni dubbata.Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sanabara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]