Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Psalms 147 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu

1Mootii Waan Maraa leellisa'a;Waaqa keenna fuuru'uun leellisiisattam attam dansa'a!Isa leellisiis nama gammachiisa;dansaalle'e.

2Mootiin Waan MaraaYerusaalem deebisee hin ijaara;namoota Israa'eliika bittinnowanelle deebisee hin fida.

3Inni worra gaddaangadhaan isaanii madaye hin fayyisa;madaa isaaniille hin hidha.

4Inni laakkossa urjootaa haga beeka;mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.

5Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a;akka malee hunna qaba;beekkumsi isaallehagana hin jedhamu.

6Mootiin Waan Maraaworra gad ifi qabu ol hin qaba;worra hamaaleyyii ammoolafatti jissa;

7Faaruu galataaMootii Waan Maraatiif faarsa'a;kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.

8Inni ol-gubbaa duumensaan golla;lafaaf rooba kenna;koobota irratti marri akka latu godha.

9Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna;ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyituinni isaan hin soora.

10Inni jabeenna fardaatiin,yookiin jabaanna rukkee miila namaatiinhin gammadu.

11Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu,jaalala isaa ka bara baraatittiaddii godhatuun gammada.

12Ee Yerusaalem,Mootii Waan Maraa leellifadhu;Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.

13Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa;kolbaa si keessatti hin eebbisa.

14Meessaa keeti nageya hin godha;qamadii dansa'aan si hin quussa.

15Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga;jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.

16Inni dhakaa roobaaakka fuutta'aa diriirsa;qorra akka daadha'aa facaasa.

17Inni dhakaa roobaaakka katta'aa godhee gad buusa;qorra isaaeentu dura dhaabbatuu dande'a?

18Inni jecha ifii hin erga;dhakaan roobaa sun hin baqa;qilleensi akka dhufu hin godha;dhakaan roobaa sunillebisaan te'ee yaa'a.

19Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiitittiseera ifiitii fi qajeelcha ifiiIsraa'elitti hin hima.

20Inni gosa biyya dhibi'iitiifakkas hin goone;isaan seera isaa hin beekanu.Mootii Waan Maraa leellisa'a.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]