Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 147 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Zabuurii Allaah Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame

1Haalleluuyaa.Zabuuriidhaan Allaah galateeffachuun akkam gaarii dha;isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

2Rabbii Allaahan Yerusaalemin ni ijaara;Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.

3Warra garaan cabe ni fayyisa;madaa isaaniis walitti hodha.

4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.

5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;hubannaan isaas dhuma hin qabu.

6Rabbii Allaahan warra gad qabaman ni jiraachisa;hamoota garuu lafatti darbata.

7Galata galchaa Rabbii Allaah faarfadhaa;baganaadhaanis Allaah keenyaaf weeddisaa.

8Inni shamaayʼuniiwwani duumessaan haguuga;lafaafis bokkaa kenna;tulluuwwan irrattis marga biqilcha.

9Horiidhaaf waan isaan dheedan,yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.

10Inni jabina fardaatti hin gammadu;yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;

11Rabbii Allaahan warra isa sodaatanitti,warra araara isaa abdatanitti ni gammada.

12Yaa Yerusaalem, Rabbii Allaah galateeffadhu;Yaa Xiyoon Allaah kee galateeffadhu.

13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;ijoollee kees si keessatti eebbisa.

14Daarii keetiif nagaa kenna;qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.

15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;dubbiin isaas ni ariifata.

16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;qorras akkuma daaraatti bittinneessa.

17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.

19Inni dubbii isaa Yaaʼikuubitti,seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.

20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;isaan seera isaa hin beekan.Haalleluuyaa.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]