Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Psalms 147 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faarfannaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame

1Haalleluuyaa.Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

2Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara;Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.

3Warra garaan cabe ni fayyisa;madaa isaaniis walitti hodha.

4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.

5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;hubannaan isaas dhuma hin qabu.

6Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa;hamoota garuu lafatti darbata.

7Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa;baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.

8Inni samiiwwani duumessaan haguuga;lafaafis bokkaa kenna;tulluuwwan irrattis marga biqilcha.

9Horiidhaaf waan isaan dheedan,yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.

10Inni jabina fardaatti hin gammadu;yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;

11Waaqayyo warra isa sodaatanitti,warra araara isaa abdatanitti ni gammada.

12Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu;Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.

13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;ijoollee kees si keessatti eebbisa.

14Daarii keetiif nagaa kenna;qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.

15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;dubbiin isaas ni ariifata.

16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;qorras akkuma daaraatti bittinneessa.

17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.

19Inni dubbii isaa Yaaqoobitti,seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.

20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;isaan seera isaa hin beekan.Haalleluuyaa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]