Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 19 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Allaahan Biiftuu Qajeelummaati

1Shamaayʼuniiwwan ulfina Allaaha odeessu;bantiin shamaayʼuniis hojii harka isaa labsa.

2Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.

3Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.

4Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.Inni shamaayʼuniiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;

5biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fiakkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.

6Isheenis handaara shamaayʼuniiwwanii tokkoo baateegara handaara kaaniitti naannofti;wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.

7Seerri Rabbii Allaah mudaa hin qabu;lubbuu namatti deebisa.Ajajni Rabbii Allaah amanamaa dha;nama wallaalaa beekaa godha.

8Seerri Rabbii Allaah qajeelaa dha;garaadhaaf gammachuu kenna.Ajajni Rabbii Allaah qulqulluu dha;ijaafis ifa kenna.

9Rabbii Allaah sodaachuun qulqulluu dha;bara baraan jiraata.Murtiin Rabbii Allaah dhugaa dha;walumaa galattis qajeelaa dha.

10Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffamecaalaa iyyuu gatii qabeessa;inni damma caalaa,nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.

11Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;isa eeguunis gatii guddaa qaba.

12Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.

13Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi;cubbuun kunis na hin moʼatin.Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha;dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.

14Rabbii Allaah, Kattaa koo fi Furii ko,dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koofuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]