Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 13 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

2Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada;namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.

3Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

4Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu;fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.

5Namni qajeelaan soba jibba;namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.

6Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;hamminni garuu cubbamaa galaafata.

7Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu;tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.

8Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa;hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.

9Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa;ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.

10Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuuwarra gorsa dhagaʼan biratti argamti.

11Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.

12Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.

13Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida;kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.

14Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

15Hubannaan gaariin surraa argamsiisa;karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.

16Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta;gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.

17Malaʼikkaan hamaan rakkoo keessa seena;malaʼikkaan amanamaan garuu fayyina fida.

18Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas;kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.

19Hawwiin guutame namatti miʼaawa;gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.

20Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,michuun gowwootaa garuu ni miidhama.

21Wanni hamaan cubbamoota ariʼata;badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.

22Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa;qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.

23Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa;murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.

24Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

25Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]