Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 14 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

2Namni qajeelummaan jiraatu Rabbii Allaah sodaata;kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.

3Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.

4Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.

5Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.

6Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.

7Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.

8Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.

9Gowwoonni cubbuutti qoosu;qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.

10Garaan gadda ofii isaa ni beeka;namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.

11Manni nama hamaa ni bada;dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.

12Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.

13Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.

14Namni hin amanamne gatii karaa isaa,namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.

15Namni homaa hin beekne waan hunda amana;namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.

16Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.

17Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;namni daba hojjetu garuu ni jibbama.

18Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.

19Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.

20Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.

21Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.

22Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.

23Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.

24Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.

25Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.

26Namni Rabbii Allaah sodaatu daʼannoo jabaa qaba;ijoolleen isaas daʼoo argatu.

27Rabbii Allaah sodaachuun burqaa jireenyaa ti;kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

28Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.

29Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

30Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;hinaaffaan garuu lafee tortorsa.

31Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Allaah kabaja.

32Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.

33Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.

34Qajeelummaan saba ol guddisa;cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.

35Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]