Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 14 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;dubartiin gowwaan ammooharkuma ifiitiin mana ifii diiddi.

2Nami karaa qajeelaa ideemuMootii Waan Maraa sodaata;ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.

3Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida;nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.

4Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a;hunna qotiyyo'ootiin ammoomidhaan hin bacata.

5Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu;dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.

6Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada;garuu hin dhaggatu;worra qalbeeffataa ammoobeekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.

7Afaan isaa irraabeekkumsa waan hin dhagganneef,nama gowwaa irraa fagaadhu.

8Qarummaan nama qalbeeffata'aakaraa irraa akka hin gorre tolchiti;gowwummaan nama gowwa'aaammoo karaa irraa gorsiti.

9Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan;odduu worra qajeela'aa ammoofedhii dansa'atti jira.

10Nami martinuugammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka;ka isa woliin qoodamu hin jiru.

11Manni worra hama'aa hin jiga;qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.

12Karaan sirrii namatti fakkaatu jira;muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.

13Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a;gammadi gaddaan muummowuu dande'a.

14Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata;nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.

15Gowwaan waan mara dhugeeffata;qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.

16Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a;nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu;hin ariifatalle'e.

17Nami dafee aaru waan gadhee huja;nami mala namatti dhowu hin jibbatama.

18Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala;nami qalbeeffataan beekkumsaakka kallachaa keyata.

19Worri hamaan worra dansaa duratti,worri cubbaaleyyiinkarra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.

20Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama;dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.

21Nami nama tuffatu cubbaalessa;nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.

22Worri mala hamaa dhowukaraa irraa goranii motii ree?Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman;hin addatamanille'e.

23Jabaatanee hujiis bu'aa qaba;oduu callaa odeessiis ammoogara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.

24Qananummaan kallacha qaroole'ee ti;gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.

25Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa;dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.

26Nami Mootii Waan Maraa sodaatukushee jadduu qaba;ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.

27Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti;tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

28Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti;kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.

29Nami ossatu hubantii guddoo qaba;nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.

30Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna;hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.

31Nami hiyyeessa cunqursuka isa dade tuffata;ka hiyyeeyyi'iif nayu ammooWaaqaaf ulfinna kenna.

32Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada;nami balchaan du'a keessalle'ettiaddee itti baqatu qaba.

33Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti;isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.

34Balchummaan kolbaa ol qaddi;cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.

35Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada;ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]