Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 14 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The wisest of women builds her house, but foolishness tears hers down with her own hands. Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti; dubartiin gowwaan ammoo harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.
2 Whoever walks in uprightness fears our Father, but one whose ways are crooked despises him. Nami karaa qajeelaa ideemu Mootii Waan Maraa sodaata; ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.
3 A fool's mouth is a rod for his own pride, but the lips of the wise protect them. Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida; nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.
4 Where there are no oxen, the manger stays clean, but an abundant harvest comes through the strength of an ox. Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a; hunna qotiyyo'ootiin ammoo midhaan hin bacata.
5 A faithful witness does not lie, but a false witness breathes out lies. Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.
6 The scoffer seeks wisdom and finds none, but knowledge comes easily to the discerning. Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada; garuu hin dhaggatu; worra qalbeeffataa ammoo beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.
7 Stay away from a fool, for you will find no knowledge on his lips. Afaan isaa irraa beekkumsa waan hin dhagganneef, nama gowwaa irraa fagaadhu.
8 The wisdom of the prudent is to discern their way, but the foolishness of fools is deceit. Qarummaan nama qalbeeffata'aa karaa irraa akka hin gorre tolchiti; gowwummaan nama gowwa'aa ammoo karaa irraa gorsiti.
9 Fools mock the guilt offering, but among the upright there is favor. Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan; odduu worra qajeela'aa ammoo fedhii dansa'atti jira.
10 The heart knows its own bitterness, and no stranger shares in its joy. Nami martinuu gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka; ka isa woliin qoodamu hin jiru.
11 The house of the wicked will be destroyed, but the tent of the upright will flourish. Manni worra hama'aa hin jiga; qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.
12 There is a way that seems right to a person, but its end is the way of death. Karaan sirrii namatti fakkaatu jira; muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.
13 Even in laughter the heart may ache, and the end of joy may be grief. Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a; gammadi gaddaan muummowuu dande'a.
14 The backslider in heart will be filled with the fruit of his ways, and a good person with the fruit of his. Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata; nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.
15 The simple believe anything, but the prudent give thought to their steps. Gowwaan waan mara dhugeeffata; qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.
16 The wise fear and turn away from evil, but a fool is reckless and overconfident. Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a; nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu; hin ariifatalle'e.
17 A quick-tempered person acts foolishly, and one who plots evil schemes is hated. Nami dafee aaru waan gadhee huja; nami mala namatti dhowu hin jibbatama.
18 The simple inherit foolishness, but the prudent are crowned with knowledge. Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala; nami qalbeeffataan beekkumsa akka kallachaa keyata.
19 The evil bow down before the good, and the wicked at the gates of the righteous. Worri hamaan worra dansaa duratti, worri cubbaaleyyiin karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.
20 The poor are shunned even by their neighbors, but the rich have many friends. Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama; dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.
21 Whoever despises his neighbor sins, but blessed is the one who is kind to the poor. Nami nama tuffatu cubbaalessa; nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.
22 Do not those who plot evil go astray? But covenant love and faithfulness belong to those who plan good. Worri mala hamaa dhowu karaa irraa goranii motii ree? Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman; hin addatamanille'e.
23 In all hard work there is profit, but mere talk leads only to poverty. Jabaatanee hujiis bu'aa qaba; oduu callaa odeessiis ammoo gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.
24 The crown of the wise is their wealth, but the foolishness of fools yields only foolishness. Qananummaan kallacha qaroole'ee ti; gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.
25 A truthful witness saves lives, but one who breathes out lies is treacherous. Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.
26 In the fear of our Father is strong confidence, and his children will have a refuge. Nami Mootii Waan Maraa sodaatu kushee jadduu qaba; ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.
27 The fear of our Father is a fountain of life, turning a person away from the snares of death. Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
28 A large population is a king's glory, but without people a prince is ruined. Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti; kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.
29 Whoever is slow to anger has great understanding, but a hot temper exalts foolishness. Nami ossatu hubantii guddoo qaba; nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.
30 A tranquil heart gives life to the body, but envy rots the bones. Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna; hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.
31 Whoever oppresses the poor reproaches our Father, their Maker, but whoever is kind to the needy honors him. Nami hiyyeessa cunqursu ka isa dade tuffata; ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo Waaqaaf ulfinna kenna.
32 The wicked are brought down by their own evil, but the righteous find refuge even in death. Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada; nami balchaan du'a keessalle'etti addee itti baqatu qaba.
33 Wisdom rests in the heart of the discerning, but even among fools it makes itself known. Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti; isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.
34 Righteousness exalts a nation, but sin is a disgrace to any people. Balchummaan kolbaa ol qaddi; cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.
35 A king's favor rests on a wise servant, but his wrath falls on one who acts shamefully. Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada; ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]