Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 13 guj

Show guj only
Verse × ×
1 A wise son heeds his father's instruction, but a scoffer does not listen to rebuke. Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata; ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.
2 From the fruit of his mouth a person enjoys good things, but the appetite of the treacherous is for violence. Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa, waan dansaa dhaggata; worri hin addatanne ammoo hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.
3 Whoever guards his mouth protects his life, but one who opens his lips wide comes to ruin. Nami afaan ifii eegatu, jiruu ifii eegata; ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
4 The lazy person craves and gets nothing, but the appetite of the diligent is richly satisfied. Nami boosenni hin halcha malee womaa hin dhaggatu; nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.
5 The righteous hates falsehood, but the wicked brings shame and disgrace. Nami balchaan dhara jibba; nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.
6 Righteousness guards the one whose way is blameless, but wickedness overthrows the sinner. Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi; hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.
7 One person pretends to be rich, yet has nothing; another pretends to be poor, yet has great wealth. Nami womaa adoo hin qabaatin dureessa ifi fakkeessu tokko jira; ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.
8 A person's wealth may ransom his life, but the poor hears no threat. Nami dureessi karra ifiitiin jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a; nami hiyyeessi ammoo karra waan hin qanneef, jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.
9 The light of the righteous shines joyfully, but the lamp of the wicked will be snuffed out. Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa; issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.
10 Arrogance breeds nothing but strife, but wisdom is with those who seek advice. Ifi jajiis lola qofa kaasa; qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
11 Wealth gained by fraud dwindles away, but whoever gathers little by little makes it grow. Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi; ka diqqeessee diqqeessee kuufate ammoo itti ede'ata.
12 Hope deferred makes the heart sick, but desire fulfilled is a tree of life. Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti; halchaan muummotte ammoo midhaan muka jiru'uu ti.
13 Whoever despises the word brings ruin on himself, but the one who reveres the commandment will be rewarded. Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida; nami ajaja ulfeessu ammoo gatii irraa dhaggata.
14 The teaching of the wise is a fountain of life, turning a person away from the snares of death. Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
15 Good sense wins favor, but the way of the treacherous is their undoing. Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti; karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.
16 Every prudent person acts with knowledge, but a fool flaunts his foolishness. Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata; gowwaan ammoo gowwummaa ifii badhinnatti mudhisa.
17 A wicked messenger falls into trouble, but a faithful envoy brings healing. Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala; ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.
18 Poverty and shame come to whoever ignores discipline, but the one who heeds correction is honored. Nama qajeelfama tuffatu hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa; nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.
19 A desire fulfilled is sweet to the soul, but turning away from evil is detestable to fools. Halchaan muummottu namatti mi'ootti; gowwooleen ammoo waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.
20 Whoever walks with the wise grows wise, but the companion of fools suffers harm. Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a; waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.
21 Disaster pursues sinners, but good rewards the righteous. Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti; qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.
22 A good person leaves an inheritance to his grandchildren, but the sinner's wealth is stored up for the righteous. Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif dhaala lakkisee dabara; qabeenni cubbaalessaa ammoo balcha'aaf kuufama.
23 The unplowed field of the poor could yield abundant food, but it is swept away for lack of justice. Fichaan nama hiyyeessaa midhaan bacaa kennuu dande'a; haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.
24 Whoever withholds the rod hates his son, but the one who loves him is diligent to discipline him. Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba; ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
25 The righteous eats to his heart's content, but the belly of the wicked goes hungry. Nami balchaan haga quufutti nyaata; nami hamaan yennaa mara beelota.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]