Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 13 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.

2Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,waan dansaa dhaggata;worri hin addatanne ammoohunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.

3Nami afaan ifii eegatu,jiruu ifii eegata;ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.

4Nami boosenni hin halcha maleewomaa hin dhaggatu;nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.

5Nami balchaan dhara jibba;nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.

6Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.

7Nami womaa adoo hin qabaatindureessa ifi fakkeessu tokko jira;ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuuhiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.

8Nami dureessi karra ifiitiinjiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;nami hiyyeessi ammookarra waan hin qanneef,jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.

9Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.

10Ifi jajiis lola qofa kaasa;qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.

11Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;ka diqqeessee diqqeesseekuufate ammoo itti ede'ata.

12Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;halchaan muummotte ammoomidhaan muka jiru'uu ti.

13Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;nami ajaja ulfeessuammoo gatii irraa dhaggata.

14Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

15Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.

16Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;gowwaan ammoo gowwummaa ifiibadhinnatti mudhisa.

17Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.

18Nama qajeelfama tuffatuhiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.

19Halchaan muummottu namatti mi'ootti;gowwooleen ammoowaan hantuu irraa deebi'iisa jibban.

20Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.

21Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.

22Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiifdhaala lakkisee dabara;qabeenni cubbaalessaa ammoobalcha'aaf kuufama.

23Fichaan nama hiyyeessaamidhaan bacaa kennuu dande'a;haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.

24Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.

25Nami balchaan haga quufutti nyaata;nami hamaan yennaa mara beelota.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]