Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 15 guj

Show guj only
Verse × ×
1 A gentle answer turns away wrath, but a harsh word stirs up anger. Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti; jechi jabaan aarii kakkaasa.
2 The tongue of the wise commends knowledge, but the mouths of fools pour out foolishness. Arrabi qaro'oo beekkumsa saada; afaan gowwa'aa ammoo gowwummaa dubbata.
3 The eyes of our Father are in every place, keeping watch on the evil and the good. Ilti Mootii Waan Maraa addee mara jirti; waan hantu'uu fi dansaalle hin dhaggiti.
4 A gentle tongue is a tree of life, but a corrupt tongue crushes the spirit. Arrabi dansaan muka jiru'uu ti; arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa.
5 A fool despises his father's instruction, but whoever heeds correction is prudent. Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata; nami xixicha dhage'u ammoo qarummaa mudhisa.
6 In the house of the righteous there is much treasure, but the income of the wicked brings trouble. Mana nama balcha'aa keessa qabeenna gudda'atti jira; bu'aan nami hamaan dhaggatu ammoo rakkoo itti fiddi.
7 The lips of the wise spread knowledge, but not so the hearts of fools. Afaan qaro'oo beekkumsa facaasa; qalbiin gowwa'aa ammoo akkasii moti.
8 The sacrifice of the wicked is detestable to our Father, but the prayer of the upright is his delight. Mootiin Waan Maraa ciincaa worra hama'aa hin jibba; daadimati worra qajeela'aa ammoo isa gammachiisa.
9 The way of the wicked is detestable to our Father, but he loves the one who pursues righteousness. Mootiin Waan Maraa karaa worra hama'aa hin jibba; worra balchummaa gula deemu ammoo hin jaalata.
10 There is severe discipline for the one who leaves the path, and whoever hates correction will die. Nama daandii irraa goru adabbii jaddu'utti eegata; ka xixicha jibbulle hin du'a.
11 The grave and Destruction lie open before our Father; how much more the hearts of all people! Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii Mootii Waan Maraa duratti eega beekkantee, gadhaan namaa attam attam irra caalaa hin beekkanne ree?
12 A scoffer does not love to be corrected; he will not go to the wise. Nami murgaamessi xixamuu hin jaalatu; inni nama qaroolle gorsa hin gaafatu.
13 A glad heart makes a cheerful face, but a sorrowful heart crushes the spirit. Nami gadhaan isaa gammade fuula ifa; nami gadhaan isaa gadde ammoo yaada caba.
14 A discerning heart seeks knowledge, but the mouths of fools feed on foolishness. Qalbiin nama hubantii qabuu beekkumsa barbaaddi; afaan nama gowwa'aa ammoo gowwummaa raama.
15 All the days of the afflicted are hard, but a cheerful heart has a continual feast. Hiyyeessaaf guyyaan marti hama'a; gadhaa gammada qabuuf ammoo guyyaan marti jila.
16 Better a little with the fear of our Father than great treasure and trouble with it. Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa, qabeenna diqqaa qabaatanee Mootii Waan Maraa sodaataa le'iisa woyya.
17 Better a meal of vegetables where there is love than a fattened ox with hatred. Addee jibbi jirutti cooma sanga'aa nyaatiisaa mannaa, addee jaalalli jirutti shaanaa nyaatiisa woyya.
18 A hot-tempered man stirs up strife, but one who is slow to anger calms a quarrel. Nami dafee aaru lola kaasa; nami ossatu ammoo lola qabbaneessa.
19 The way of the lazy is like a hedge of thorns, but the path of the upright is a level highway. Karaan nama booseyaa qore'een cufameera; karaan nama qajeela'aa ammoo gufuu hin qabu.
20 A wise son makes a glad father, but a foolish man despises his mother. Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
21 Foolishness is joy to one who lacks sense, but a person of understanding walks a straight path. Nama gowwaa gowwumma'atti gammachiisa; nami qaroon ammoo karaa qajeelaa deema.
22 Plans fail without counsel, but with many advisers they succeed. Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu; gorsitooti yoo heddatte ammoo karoorri hin milkowa.
23 A person finds joy in giving an apt reply, and how good is a word at the right time! Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada; dubbiin yennaa isi'ii maltetti dubbatantu attam attam dansa'a!
24 The path of life leads upward for the prudent, turning him away from the grave below. Karaan nama qaro'oo addee worri du'e jirutti akka inni gad hin buuneef, gara jiru'uutitti ol isa geessa.
25 Our Father tears down the house of the proud, but he protects the widow's boundary. Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga; meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega.
26 The thoughts of the wicked are detestable to our Father, but gracious words are pure. Mootiin Waan Maraa yaada worra hama'aa hin jibba; yaadi worra qulqullu'uu ammoo isa gammachiisan.
27 Whoever is greedy for unjust gain brings trouble on his own household, but the one who hates bribes will live. Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida; nami safuu jibbu ammoo hin le'a.
28 The heart of the righteous weighs how to answer, but the mouth of the wicked pours out evil. Gadhaan nama balcha'aa deebii kenniisaan dura itti yaada; afaan nama hama'aa ammoo dubbii hantuu dubbata.
29 Our Father is far from the wicked, but he hears the prayer of the righteous. Mootiin Waan Maraa nama hamaa irraa fagoo jira; daadimata balcha'aa ammoo hin dhage'a.
30 The light of the eyes brings joy to the heart, and good news refreshes the bones. Fuulli ifaan gadhaa namaa gammachiisa; oduun gammadaa lafee jabeessiti.
31 The ear that listens to life-giving correction will dwell among the wise. Nami xixicha jiruu kennu caqasu, qaroolee odduu hin le'a.
32 Whoever ignores instruction despises himself, but whoever listens to correction gains understanding. Nami gorsa tuffatu, ifi tuffata; nami xixicha dhage'u ammoo hubantii dhaggata.
33 The fear of our Father is the instruction of wisdom, and humility comes before honor. Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa; ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]