Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 16 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The plans of the heart belong to man, but the answer of the tongue comes from our Father. Nami gadhaa ifiititti hin yaadata; yaada san guutuu ka dande'u ammoo Mootii Waan Maraa qofa.
2 All a man's ways are pure in his own eyes, but our Father weighs the motives. Nami akka ifiif ilaalutti karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata; yaada gadhaa isaa ammoo Mootiin Waan Maraa hin madaala.
3 Commit your works to our Father, and your plans will be established. Waan gootu mara Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu; wonni ati yaaddu marti si'iif hin milkootti.
4 Our Father has made everything for its purpose, even the wicked for the day of trouble. Mootiin Waan Maraa waan mara sababa dadeef qaba; worra hamaaleyyi'iifille inni guyyaa badi'ii qopheesseera.
5 Everyone proud of heart is detestable to our Father; be assured, he will not go unpunished. Mootiin Waan Maraa worra kooru hin jibba; isaan ijjumaa adabbii jalaa hin bayanu.
6 Loving devotion and faithfulness atone for sin, and the fear of our Father turns a person away from evil. Jaalalaa fi addatamumma'aan nama yakkeef araarri godhama; Mootii Waan Maraa sodaatiisaan nami waan hantuu irraa fagaata.
7 When a man's ways please our Father, our Father makes even the man's enemies live at peace with him. Karaan namaa Mootii Waan Maraa yennaa gammachiise, diinoti isaatuu isa woliin nageyaan le'an.
8 Better a little with righteousness than great income with injustice. Qabeenna bacaa karaa haqa hin te'iniin dhaggatanuu mannaa, qabeenna diqqaa karaa balchumma'aatiin dhaggatanu woyya.
9 The heart of man plans his way, but our Father establishes his steps. Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata; Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa.
10 A divine verdict is on the lips of a king; his mouth does not betray justice. Mootiin akka Mootii Waan Maraa dubbata; afaan isaa haqa hin dassu.
11 Honest scales and balances belong to our Father; every weight and measure is his work. Madaallii fi safarri sirrii te'e ka Mootii Waan Maraa ti; dhakaan madaalli'ii martinuu hujuma isaa ti.
12 It is detestable for kings to do wickedness, for a throne is established through righteousness. Barcumaan mootumma'aa balchumma'aan waan jabaatuuf, moototi hujii hantuu jibbuu qaban.
13 Righteous lips are the delight of kings, and they love the one who speaks what is right. Moototi dubbii dhuga'aatitti gammadan; nama dhugaa dubbatu jaalatan.
14 A king's wrath is a messenger of death, but a wise man will appease it. Mufiin mooti'ii akka ergamaa du'aa ti; nami qaroon ammoo mufii hin qabbaneessa.
15 In the light of a king's face is life, and his favor is like a cloud bringing the spring rain. Fuulli mooti'ii yennaa ifu jiruun jirti; isa biratti fudhatama dhaggatiis akka rooba furmaataa ti.
16 How much better to get wisdom than gold! Getting understanding is worth more than silver. Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis, meetii caalaa hubantii filatiis attam attam caalti!
17 The highway of the upright turns away from evil; whoever guards his way protects his life. Kolbaan dansaan waan hantuu irraa fagaatti; nami karaa ifii eeggatu jiruu ifii eeggata.
18 Pride goes before destruction, and a haughty spirit before a fall. Ifi jajuun badiisatti, koorri jigiisatti nama geessa.
19 Better to be lowly in spirit among the poor than to share the plunder with the proud. Worra kooru woliin boojuu qoodamiisaa mannaa, worra hiyyeeyyii woliin gad ifi qabiisa woyya.
20 Whoever heeds the word will find good, and blessed is the one who trusts in our Father. Nami gorsa dhage'u, qananummaa dhaggata; nami Mootii Waan Maraa addatulle hin gammada.
21 The wise of heart is called discerning, and pleasant speech increases persuasiveness. Worri qaroon «Qalbeeffattoota» jedhaman; dubbiin mi'oottuun beekkumsa namaaf dabalti.
22 Understanding is a fountain of life to the one who has it, but fools are corrected by their own foolishness. Qarummaan worra isii qabuuf madda jiru'uu ti; gowwummaan ammoo worra gowwa'atti adabbii fiddi.
23 The heart of the wise makes his speech wise and adds persuasiveness to his lips. Nami qaroon itti yaadatee dubbata; dubbiin afaan isaa nama barsiitti.
24 Pleasant words are a honeycomb, sweet to the soul and healing to the bones. Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti; namatti mi'ootti; lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
25 There is a way that seems right to a man, but its end is the way of death. Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; dhuma irratti ammoo gara du'aa geessa.
26 A worker's appetite works for him; his hunger drives him on. Fedhiin sagale'ee akka nami jabaatee huju gooti; beeltille huji'itti isa kakkaachi.
27 A worthless man digs up evil, and on his lips is a scorching fire. Nami badaan waan hantuu mala dhowa; dubbiin isaalle akka ibiddaa nama guddi.
28 A perverse man spreads strife, and a gossip separates close friends. Nami micciiramaan lola kaasa; nami nama hamatu jaalota gargar baasa.
29 A violent man entices his neighbor and leads him down a harmful path. Nami hunnaan nama irratti ka'u ollaa ifii karaa irraa milissa; daandii dansaa hin teennelle'etti geessa.
30 Whoever winks his eyes plots perversity; whoever purses his lips is bent on evil. Nami ilaan qiphifatu hammeenna mala dhowa; ka hidhii ciniinnatulle hammeenna yaadata.
31 Gray hair is a crown of glory; it is gained in the way of righteousness. Arriin kallacha ulfinnaa ti; isiin jiruu balchumma'aatiin dhagganti.
32 Better a patient person than a mighty one, and one who rules his spirit than one who takes a city. Nama hunnaamessaa mannaa, nama ossataa woyya; nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa, nama ifi qabatu woyya.
33 The lot is cast into the lap, but its every decision is from our Father. Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti; waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]