Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 17 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Better a dry crust eaten in peace than a house full of feasting with strife. Mana waan nyaatanuun guutamee, wol dhaba qabuu mannaa, daabboo godduu nageyaa woyya.
2 A prudent servant will rule over a disgraceful son and will share the inheritance among the brothers. Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a; inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin akka obboleessaa dhaala hin qoodama.
3 The crucible is for silver and the furnace for gold, but our Father tests hearts. Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo gadhaa namaa haga ilaala.
4 An evildoer listens to wicked lips; a liar listens to a destructive tongue. Nami hamaan waan hantuu caqasa; nami dharaamessi dubbii dharaamessaa miidhassee caqasa.
5 Whoever mocks the poor insults his Maker; whoever gloats over disaster will not go unpunished. Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu, ka isaan dade arrassa; nami badii namaatitti gammadu, adoo hin adabamin hin hafu.
6 Grandchildren are the crown of the aged, and the glory of children is their parents. Ilmaan ilmaan isaanii maanguddootaaf kallacha isaanii ti; worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
7 Fine speech is not fitting for a fool—still less are lying lips for a noble. Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu; dubbiin dharaa irra caala'aayyuu bulcha'aaf hin teetu.
8 A bribe seems like a magic charm to the one who gives it; wherever he turns, he thinks he will succeed. Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti; addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.
9 Whoever covers an offense seeks love, but whoever keeps bringing it up separates close friends. Nami yakkaa namaaf araaramu, jaala qabaata. Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo jaalota gargar baasa.
10 A rebuke goes deeper into a person of understanding than one hundred blows into a fool. Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee ka itti dhage'amu caalaa, xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.
11 A rebellious man seeks only evil, and a cruel messenger will be sent against him. Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada; isa loliisaaf ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.
12 Better to meet a bear robbed of her cubs than a fool in his foolishness. Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti dhaqiisa mannaa, doobbaa dhalaa ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.
13 If anyone returns evil for good, evil will never leave his house. Nami waan dansaa isaaf godhaneef, waan hantuu yoo deebise, wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.
14 Starting a quarrel is like breaching a dam, so drop the dispute before it bursts out. Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti; tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.
15 Whoever justifies the wicked and whoever condemns the righteous—both alike are detestable to our Father. Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi nama balcha'atti muriisa, lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.
16 Why should a fool have money in hand to buy wisdom, when he has no heart to learn? Gowwaan qarummaa dhaggatiisaaf eega hin halchinee, beeseen inni harka ifiitii qabu maan isaaf gooti ree?
17 A friend loves at all times, and a brother is born for a time of trouble. Jaalli yennaa mara si jaalata; obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.
18 One who lacks sense shakes hands on a pledge and puts up security for his neighbor. Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf, namaan harka wol dhowata; ollaa ifiitiifille wobii dabara.
19 Whoever loves wrongdoing loves strife; whoever builds his gate high invites destruction. Nami lola jaalatu cubbuu jaalata; nami ifi jaju badii ifitti waama.
20 A crooked heart finds no good, and a twisted tongue falls into trouble. Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu; nami nama sobulle rakkoo keessa seena.
21 Whoever fathers a fool brings grief on himself; the father of a godless fool has no joy. Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida; abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.
22 A joyful heart is good medicine, but a crushed spirit dries up the bones. Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti; yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
23 A wicked man takes a bribe in secret to pervert the ways of justice. Nami hamaan haqa dassiisaaf, dhossa'aan safuu fudhata.
24 A discerning person keeps wisdom in view, but the eyes of a fool wander to the ends of the earth. Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti; ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.
25 A foolish son is a grief to his father and bitterness to the mother who bore him. Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida; haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
26 To punish the righteous is not good, nor to flog the noble for their integrity. Nama yakkaa hin qanne adabuun, yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun dansa'aa moti.
27 Whoever holds back his words has knowledge, and one with a calm spirit is a person of understanding. Nami beekaan dubbii qusata; nami hubataalle hin sarma.
28 Even a fool who keeps silent is thought wise; when he closes his lips, he seems discerning. Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata; afaan ifiille yoo qabate akka hubata'aatitti ilaallama.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]