Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 12 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.

2Namni gaariin Rabbii Allaah biratti fudhatama argata;Rabbii Allaahan garuu nama hammina malatutti ni mura.

3Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;qajeelaan garuu hin buqqifamu.

4Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

5Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.

6Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata;haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.

7Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.

8Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.

9Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.

10Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.

11Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.

12Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.

13Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.

14Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.

15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.

16Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.

17Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.

18Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana;arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.

19Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.

20Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira;warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.

21Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;hamoonni rakkinaan guutamu.

22Rabbii Allaahan arraba sobu ni jibba;warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.

23Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.

24Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

25Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.

26Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.

27Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.

28Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;daandii sana irra duuti hin jiru.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]