Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 11 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Rabbii Allaahan madaalii hin amanamne ni balfa;madaalii dhugaatti immoo ni gammada.

2Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

3Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

4Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

5Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf;hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.

6Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.

7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.

8Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.

9Namni Allaahatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.

10Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.

11Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.

12Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.

13Namni odeessu dhoksaa gad baasa;kan amanamu garuu icciitii eega.

14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.

15Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.

16Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

17Namni gaariin of fayyada;gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

18Namni hamaan mindaa sobaa argata;kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.

19Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.

20Rabbii Allaahan warra yaada jalʼaa qaban balfa;warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.

21Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;qajeeltonni garuu bilisa baʼu.

22Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabneakkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.

23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.

24Namni tokko toluma waa namaa kenna;taʼus ittuma caalchisee sooroma;kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.

25Namni arjaan ni badhaadha;namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

26Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.

27Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.

28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.

29Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.

30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.

31Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,namni Allaahatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]