Side by side with the Father's Heart Bible™ 1Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba;dhakaa madaalaa ka sirrii te'etti gammada.
2Koorri yennaa dhufu,salphinni hin dhufa;gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.
3Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman;worri hin addatanne ammoomaltumma'aan badan.
4Guyyaa mura'aa durummaan bu'aa hin qaddu;balchummaan ammoo du'a irraa si hamburti.
5Worra komii hin qannebalachummaan karaa isaanii qajeelchiti;worri hamaan ammoohammeennuma ifiitiin jiga.
6Nama qajeelaabalchumma'atti isa baasa;worri hin addatanne ammoohalchuma ifii hantu'uun qabaman.
7Nami hamaan yennaa du'u,addiin isaalle hin baddi;durummaan inni addatuwomaa isaaf hin baatu.
8Nami balchaan rakkoo jalaa hin baya;nami hamaan ammooaddee isaa rakkinnatti hin gala.
9Nami hamaan dubbii afaan ifiitiin nama balleessa;nami balchaan beekkumsa ifiitiin baya.
10Worra balcha'aaf yennaa milkoottu,kolbaan qacha'aa hin firinxiixi.Worri hamaan yennaa badu,isaan hin ilillisan.
11Eebba worra balcha'aatiin qachaan tokko guddata;dubbii afaan worra hama'aatiin ammoo hin bada.
12Nami qalbii hin qanne nama tuffata;nami qalbii qabu ammoo cadhi jedha.
13Nami hamatu dhossaa eegee hin dande'u;nami addatamaan ammoo dhossaa eega.
14Gorsitooti yoo hin jiraatinmootummaan takka hin jiddi;gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoonageyaan jiraatti.
15Nami alaga'aaf wobii te'u hin rakkata;nami wobii te'iisa jibbu ammoonageyaan hin jiraata.
16Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti;worri hunnaan nama irratti ka'u ammoodurummaa qofa dhaggata.
17Gadhi-laafessiifumaaf bu'aa dhaggatta;gadhi-jabeessi ammooifuma miidha.
18Nami hamaan bu'aa isa sobu dhaggata;nami balchumma'aan huju ammoogatii addachiittuu dhaggata.
19Nami dhugumaan balchaa te'e jiru'uun hin le'a;nami waan hantuu ari'u ammoo hin du'a.
20Mootiin Waan Maraaworra yaada micciirama'aa jibba;worra komii hin qannetti ammoohin gammada.
21Dhugumaan nami hamaanadoo hin adabamin hin hafu;worri balchaan ammooadabbii jalaa hin baya.
22Dubartiin shaggittiin qalbii hin qanne,akka qubee worqi'iita funnaan booyye'ee irra jirtuu ti.
23Halchaan nama balcha'aawaan dansaa qofaan muummotti;halchaan nama hama'aa ammoomufi'iin muummotti.
24Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna;ammoo irra caalaa duroomaa deema;nami gariin akka malee donnooma;ammoo hiyyoommataatuma deema.
25Nami arjaan hin durooma;nami dheebuu nama baasulleifille'eef dheebuu hin baya.
26Nama midhaan kuufatee tursukolbaan hin abaarti;nami midhaan baaseegurguratu ammooeebba dhaggata.
27Nami waan dansaa jabaatee barbaadu,waan dansaa dhaggata;nami waan hantuu barbaadu ammoowaan hantuu dhaggatta.
28Nami durummaa ifiititti addatu hin jiga;nami balchaan ammooakka baala jiidha'aa hin bisila.
29Nami maatii ifii rakkisu,harka duwwaa hin hafa;gowwaan tajaajilaa qaro'oo hin te'a.
30Hujiin nama balcha'aamuka jiru'uu ti;nami barsiisee lubbuu namaa deebisu qaro'o.
31Worri balchaan lafa irrattigatii hujii ifii akkuma dhaggatanu,worri Waaqa malee le'uu fiworri cubbaaleyyiille lafa irratti akkasumagatii hujii ifii hin dhaggatan.