Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 10 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Fakkeenna Solomoonii

1Fakkeenni Solomooniika asii gad jiru:ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.

2Qabeenni karaa hin malleen dhaggamebu'aa hin qabu;balchummaan ammoodu'a jalaa nama baatti.

3Mootiin Waan Maraa worri balchaanakka beelotanu hin godhu;worra hamaa ammoo waan halchaneakka isaan hin dhagganne hin godha.

4Harki boosenni nama hiyyoonsa;harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa.

5Worri yenna'aan midhaan galfatu qaro'o;worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoohin salphata.

6Eebbi mataa balchootaa irra jira;worri hunnaan nama irratti ka'u dubbii dansa'aanhunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.

7Yaadannoon nama balcha'aa eebbaaf hin teeti;maqaan nama hama'aa ammoo hin dedhama.

8Nami gadhaa ifii keessatti qaro'oo seera fudhata;nami gowwaan dubbattichi ammoogara badi'ii deema.

9Nami haqaan ideemu nageyaan le'a;nami karaa micciiramaa gula deemu ammoohin saaxilama.

10Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida;nami gowwaan dubbattichi ammoogara badi'ii deema.

11Afaan nama balcha'aa madda jiru'uu ti;worri hunnaan nama irratti ka'u ammoodubbii dansa'aanhunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.

12Jibbi lola kaasa;jaalalli ammoo yakkaa mara golla.

13Qarummaan afaan qaroole'ee irra jirti;adabbiin ammoo duddagowwoole'ee irra jirti.

14Qarooleen beekkumsa tuulatti;dubbiin gowwa'aa ammoo badii fiddi.

15Qabeenni dureeyyi'iif qachaa dalleya dhaka'aa qabu;hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi'ii ti.

16Gatiin eloo balcha'aa jiru'u;bu'aan nama hama'aa adabbi'i.

17Nami gorsa fudhatu karaa jiru'uu namatti mudhisa;nami xixicha tuffatu ammookaraa irraa nama milissa.

18Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa;nami hamii odeessu gowwa'a.

19Jechoota bacaa keessaa,cubbuun hin dhabantu;nami arraba ifii eegatu ammoo qaro'o.

20Dubbiin nama balcha'aa akka meetii qullu'uu ti;yaadi nama hama'aa ammoo gatii hin qabu.

21Afaan nama balcha'aa nama hedduu areera;worri gowwaan ammooqalbii dhabiisaan du'a.

22Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna;inni rakkinna isi'itti hin dabalu.

23Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada;nami hubantii qabu ammooqarumma'atti gammada.

24Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa;nama balchaa ammoowaan inni guddoo halchutti isaaf kennama.

25Hobonbolattiin yennaa kaatu,worra hamaa haxoottee dabarti;worri balchaan ammoohaga bara baraajabaatee dhaabbata.

26Wonni dhangaggowu ilkaan,aarrille ila akkuma rakkisu,nami booseyillenama isa ergatu rakkisa.

27Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa;woggaan nama hama'aa ammoo gabaaddu'u.

28Addiin worra balcha'aa gammada;addiin worra hama'aa bu'aa hin qaddu.

29Karaan Mootii Waan Maraaworra balcha'aaf gollaa jaddu'u;worra hantuu hujuuf ammoo badi'i.

30Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu;worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu.

31Afaan worra balcha'aa qarummaa dubbata;arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama.

32Afaan worra balcha'aa dubbii toltu beeka;afaan worra hama'aa ammoo micciiriisa qofa beeka.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]