Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 10 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Fakkeenyawwan Suleyimaan

1Fakkeenyawwan Suleyimaan:Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

2Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

3Rabbii Allaahan akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu;hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.

4Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.

5Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa;kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.

6Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa;afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.

7Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa;maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.

8Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.

9Namni amanamaan sodaa malee deema;kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.

10Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma;gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.

11Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.

12Jibbi lola kakaasa;jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.

13Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti;uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.

14Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu;afaan gowwaa garuu badiisa waama.

15Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.

16Mindaan qajeeltotaa jireenya;galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.

17Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.

18Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu,kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.

19Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.

20Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.

21Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora;gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.

22Eebbi Rabbii Allaah nama sooromsa;inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.

23Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata;namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.

24Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa;hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.

25Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu;qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.

26Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sananamni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.

27Rabbii Allaah sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.

28Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa;wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.

29Karaan Rabbii Allaah nama qajeelaaf daʼoo dha;nama jalʼaaf garuu badiisa.

30Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman;hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.

31Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;arrabni jalʼaan garuu ni kutama.

32Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata;afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]