Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 10 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 The proverbs of Solomon: A wise son brings joy to his father, but a foolish son brings grief to his mother. Fakkeenyawwan Suleyimaan: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
2 Treasures gained by wickedness do not profit, but righteousness rescues from death. Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
3 Our Father will not let the righteous go hungry, but he thwarts the craving of the wicked. Rabbii Allaahan akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
4 Lazy hands make you poor, but diligent hands bring wealth. Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
5 He who gathers in summer is a prudent son, but he who sleeps during harvest is a son who brings shame. Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.
6 Blessings rest on the head of the righteous, but the mouth of the wicked conceals violence. Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
7 The memory of the righteous is a blessing, but the name of the wicked will rot. Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
8 A wise heart accepts commands, but a babbling fool comes to ruin. Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
9 Whoever walks in integrity walks securely, but he who makes his ways crooked will be found out. Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
10 Whoever winks causes trouble, and a babbling fool comes to ruin. Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
11 The mouth of the righteous is a fountain of life, but the mouth of the wicked conceals violence. Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
12 Hatred stirs up conflict, but love covers all offenses. Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
13 On the lips of the discerning, wisdom is found, but a rod is for the back of one who lacks sense. Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
14 The wise store up knowledge, but the mouth of a fool invites ruin. Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama.
15 The wealth of the rich is their fortified city; the ruin of the poor is their poverty. Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
16 The wage of the righteous leads to life; the gain of the wicked leads to sin. Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
17 Whoever accepts discipline is on the path to life, but he who ignores correction leads others astray. Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
18 Whoever conceals hatred is a liar, and whoever spreads slander is a fool. Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
19 Where words are many, sin is never absent; but whoever holds his tongue is wise. Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
20 The tongue of the righteous is choice silver; the heart of the wicked is worth little. Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
21 The lips of the righteous nourish many, but fools die for lack of sense. Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
22 The blessing of our Father brings wealth, and he adds no sorrow with it. Eebbi Rabbii Allaah nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
23 Doing wickedness is a game to a fool, but wisdom is the delight of a person of understanding. Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
24 What the wicked dreads will come upon him, but the desire of the righteous will be granted. Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
25 When the storm has passed, the wicked are gone, but the righteous are established forever. Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
26 Like vinegar to the teeth and smoke to the eyes, so is the sluggard to those who send him. Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
27 The fear of our Father lengthens life, but the years of the wicked will be cut short. Rabbii Allaah sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
28 The hope of the righteous brings joy, but the expectation of the wicked will perish. Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
29 The way of our Father is a refuge for the blameless, but ruin for those who do evil. Karaan Rabbii Allaah nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa.
30 The righteous will never be shaken, but the wicked will not remain in the land. Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
31 The mouth of the righteous yields wisdom, but the perverse tongue will be cut off. Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
32 The lips of the righteous know what is acceptable, but the mouth of the wicked, only what is perverse. Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]