Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 10 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The proverbs of Solomon: A wise son brings joy to his father, but a foolish son brings grief to his mother. Fakkeenni Solomoonii ka asii gad jiru: ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
2 Treasures gained by wickedness do not profit, but righteousness rescues from death. Qabeenni karaa hin malleen dhaggame bu'aa hin qabu; balchummaan ammoo du'a jalaa nama baatti.
3 Our Father will not let the righteous go hungry, but he thwarts the craving of the wicked. Mootiin Waan Maraa worri balchaan akka beelotanu hin godhu; worra hamaa ammoo waan halchane akka isaan hin dhagganne hin godha.
4 Lazy hands make you poor, but diligent hands bring wealth. Harki boosenni nama hiyyoonsa; harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa.
5 He who gathers in summer is a prudent son, but he who sleeps during harvest is a son who brings shame. Worri yenna'aan midhaan galfatu qaro'o; worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoo hin salphata.
6 Blessings rest on the head of the righteous, but the mouth of the wicked conceals violence. Eebbi mataa balchootaa irra jira; worri hunnaan nama irratti ka'u dubbii dansa'aan hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.
7 The memory of the righteous is a blessing, but the name of the wicked will rot. Yaadannoon nama balcha'aa eebbaaf hin teeti; maqaan nama hama'aa ammoo hin dedhama.
8 A wise heart accepts commands, but a babbling fool comes to ruin. Nami gadhaa ifii keessatti qaro'oo seera fudhata; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi'ii deema.
9 Whoever walks in integrity walks securely, but he who makes his ways crooked will be found out. Nami haqaan ideemu nageyaan le'a; nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo hin saaxilama.
10 Whoever winks causes trouble, and a babbling fool comes to ruin. Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi'ii deema.
11 The mouth of the righteous is a fountain of life, but the mouth of the wicked conceals violence. Afaan nama balcha'aa madda jiru'uu ti; worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo dubbii dansa'aan hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.
12 Hatred stirs up conflict, but love covers all offenses. Jibbi lola kaasa; jaalalli ammoo yakkaa mara golla.
13 On the lips of the discerning, wisdom is found, but a rod is for the back of one who lacks sense. Qarummaan afaan qaroole'ee irra jirti; adabbiin ammoo dudda gowwoole'ee irra jirti.
14 The wise store up knowledge, but the mouth of a fool invites ruin. Qarooleen beekkumsa tuulatti; dubbiin gowwa'aa ammoo badii fiddi.
15 The wealth of the rich is their fortified city; the ruin of the poor is their poverty. Qabeenni dureeyyi'iif qachaa dalleya dhaka'aa qabu; hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi'ii ti.
16 The wage of the righteous leads to life; the gain of the wicked leads to sin. Gatiin eloo balcha'aa jiru'u; bu'aan nama hama'aa adabbi'i.
17 Whoever accepts discipline is on the path to life, but he who ignores correction leads others astray. Nami gorsa fudhatu karaa jiru'uu namatti mudhisa; nami xixicha tuffatu ammoo karaa irraa nama milissa.
18 Whoever conceals hatred is a liar, and whoever spreads slander is a fool. Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa; nami hamii odeessu gowwa'a.
19 Where words are many, sin is never absent; but whoever holds his tongue is wise. Jechoota bacaa keessaa, cubbuun hin dhabantu; nami arraba ifii eegatu ammoo qaro'o.
20 The tongue of the righteous is choice silver; the heart of the wicked is worth little. Dubbiin nama balcha'aa akka meetii qullu'uu ti; yaadi nama hama'aa ammoo gatii hin qabu.
21 The lips of the righteous nourish many, but fools die for lack of sense. Afaan nama balcha'aa nama hedduu areera; worri gowwaan ammoo qalbii dhabiisaan du'a.
22 The blessing of our Father brings wealth, and he adds no sorrow with it. Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna; inni rakkinna isi'itti hin dabalu.
23 Doing wickedness is a game to a fool, but wisdom is the delight of a person of understanding. Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada; nami hubantii qabu ammoo qarumma'atti gammada.
24 What the wicked dreads will come upon him, but the desire of the righteous will be granted. Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa; nama balchaa ammoo waan inni guddoo halchutti isaaf kennama.
25 When the storm has passed, the wicked are gone, but the righteous are established forever. Hobonbolattiin yennaa kaatu, worra hamaa haxoottee dabarti; worri balchaan ammoo haga bara baraa jabaatee dhaabbata.
26 Like vinegar to the teeth and smoke to the eyes, so is the sluggard to those who send him. Wonni dhangaggowu ilkaan, aarrille ila akkuma rakkisu, nami booseyille nama isa ergatu rakkisa.
27 The fear of our Father lengthens life, but the years of the wicked will be cut short. Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa; woggaan nama hama'aa ammoo gabaaddu'u.
28 The hope of the righteous brings joy, but the expectation of the wicked will perish. Addiin worra balcha'aa gammada; addiin worra hama'aa bu'aa hin qaddu.
29 The way of our Father is a refuge for the blameless, but ruin for those who do evil. Karaan Mootii Waan Maraa worra balcha'aaf gollaa jaddu'u; worra hantuu hujuuf ammoo badi'i.
30 The righteous will never be shaken, but the wicked will not remain in the land. Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu; worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu.
31 The mouth of the righteous yields wisdom, but the perverse tongue will be cut off. Afaan worra balcha'aa qarummaa dubbata; arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama.
32 The lips of the righteous know what is acceptable, but the mouth of the wicked, only what is perverse. Afaan worra balcha'aa dubbii toltu beeka; afaan worra hama'aa ammoo micciiriisa qofa beeka.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]