Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 13 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 A wise son heeds his father's instruction, but a scoffer does not listen to rebuke. Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
2 From the fruit of his mouth a person enjoys good things, but the appetite of the treacherous is for violence. Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.
3 Whoever guards his mouth protects his life, but one who opens his lips wide comes to ruin. Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
4 The lazy person craves and gets nothing, but the appetite of the diligent is richly satisfied. Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.
5 The righteous hates falsehood, but the wicked brings shame and disgrace. Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.
6 Righteousness guards the one whose way is blameless, but wickedness overthrows the sinner. Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata.
7 One person pretends to be rich, yet has nothing; another pretends to be poor, yet has great wealth. Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.
8 A person's wealth may ransom his life, but the poor hears no threat. Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.
9 The light of the righteous shines joyfully, but the lamp of the wicked will be snuffed out. Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.
10 Arrogance breeds nothing but strife, but wisdom is with those who seek advice. Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.
11 Wealth gained by fraud dwindles away, but whoever gathers little by little makes it grow. Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
12 Hope deferred makes the heart sick, but desire fulfilled is a tree of life. Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
13 Whoever despises the word brings ruin on himself, but the one who reveres the commandment will be rewarded. Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.
14 The teaching of the wise is a fountain of life, turning a person away from the snares of death. Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
15 Good sense wins favor, but the way of the treacherous is their undoing. Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.
16 Every prudent person acts with knowledge, but a fool flaunts his foolishness. Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.
17 A wicked messenger falls into trouble, but a faithful envoy brings healing. Malaʼikkaan hamaan rakkoo keessa seena; malaʼikkaan amanamaan garuu fayyina fida.
18 Poverty and shame come to whoever ignores discipline, but the one who heeds correction is honored. Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.
19 A desire fulfilled is sweet to the soul, but turning away from evil is detestable to fools. Hawwiin guutame namatti miʼaawa; gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.
20 Whoever walks with the wise grows wise, but the companion of fools suffers harm. Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama.
21 Disaster pursues sinners, but good rewards the righteous. Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.
22 A good person leaves an inheritance to his grandchildren, but the sinner's wealth is stored up for the righteous. Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.
23 The unplowed field of the poor could yield abundant food, but it is swept away for lack of justice. Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.
24 Whoever withholds the rod hates his son, but the one who loves him is diligent to discipline him. Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
25 The righteous eats to his heart's content, but the belly of the wicked goes hungry. Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]