Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Jonah 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Then Jonah prayed to our Father from inside the fish: Yuunuus garaa qurxummii keessaa Rabbii Allaah, Allaah isaa duratti duʼaa godhate.
2 In my distress I called to my Father, and he answered me; from the grave's belly I cried for help, and you heard my voice. Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Rabbii Allaah waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse.
3 You hurled me into the deep, into the heart of the seas, and the currents swirled around me; all your breakers and your waves swept over me. Ati tuujubatti, garaa galaanaatti gad na darbatte; lolaanis na marse; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu narra garagalan.
4 Then I said, 'I have been driven away from your sight; yet I will look again toward your holy temple.' Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
5 The waters closed in over me to the point of death; the deep surrounded me; seaweed was wrapped around my head. Bishaanonni na haguugan; tuujubni immoo na marse; aramaan galaanaas mataatti na marame.
6 I sank down to the roots of the mountains; the earth shut its gates behind me forever. But you brought my life up from the pit, my Father. Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. Yaa Rabbii Allaah ko, ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
7 As my life was ebbing away, I remembered my Father, and my prayer rose to you, to your holy temple. “Rabbii Allaah, yeroo lubbuun koo dadhabdetti ani sin yaadadhe; duʼaan koos gara kee gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
8 Those who cling to worthless idols walk away from the love that could be theirs. “Warri waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Allaaha irraa garagalu.
9 But I will sacrifice to you with grateful praise; I will keep every vow I have made. Salvation belongs to our Father! Ani garuu zabuurii galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ ” nan jedha.
10 Then our Father spoke to the fish, and it vomited Jonah out onto the dry land. Rabbii Allaahanis qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yuunuusin tufe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]