Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Jonah 3 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Then the word of our Father came to Jonah a second time: Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yuunuus dhufe:
2 "Get up, go to Nineveh, that great city, and proclaim the message I give you." “Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi.”
3 So Jonah got up and went to Nineveh, as our Father had said. Nineveh was a huge city—three days to cross. Yuunuusis dubbii Rabbii Allaahatiif ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture.
4 Jonah walked one day into the city and cried out, "Forty more days and Nineveh is overturned!" Yuunuus imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: “Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti.”
5 The people of Nineveh believed God. They called a fast and put on sackcloth, from the greatest to the least. Warri Nanawwees Allaahatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan.
6 When the news reached Nineveh's king, he rose from his throne, removed his robe, covered himself with sackcloth, and sat in ashes. Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe.
7 He had this proclaimed in Nineveh, by decree of the king and his nobles: No person or animal, herd or flock, may taste anything; they must not graze or drink water. Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse: “Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha: Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa.
8 Let people and animals be covered with sackcloth, and everyone cry out to God with all their strength. Let each turn from his evil way and the violence in his hands. Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Allaah isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan.
9 Who knows? God may turn and change his mind, turn from his fierce anger, so we're not destroyed. Maaltu beeka? Tarii Allaahan gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.”
10 When God saw their deeds—that they turned from their evil way—God changed his mind about the disaster he had threatened to bring on them, and did not do it. Allaahanis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Allaahanis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]