Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jonah 2 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Kadhannaa Yoonaas

1Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate. 2Innis akkana jedhe:“Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe;innis deebii naaf kenne.Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;atis iyya koo naaf dhageesse.

3Ati tuujubatti,garaa galaanaatti gad na darbatte;lolaanis na marse;dambalii fi dhaʼaan keehundinuu narra garagalan.

4Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetiiqulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.

5Bishaanonni na haguugan;tuujubni immoo na marse;aramaan galaanaas mataatti na marame.

6Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.Yaa Waaqayyo Waaqa ko,ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.

7“Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdettiani sin yaadadhe;kadhannaan koos gara keegara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.

8“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichanaraara Waaqaa irraa garagalu.

9Ani garuu faarfannaa galataatiinaarsaa siif nan dhiʼeessa.Ani wareegan wareege sanas nan baasa.Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.

10Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]