Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jonah 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then Jonah prayed to our Father from inside the fish: Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.
2 In my distress I called to my Father, and he answered me; from the grave's belly I cried for help, and you heard my voice. Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse.
3 You hurled me into the deep, into the heart of the seas, and the currents swirled around me; all your breakers and your waves swept over me. Ati tuujubatti, garaa galaanaatti gad na darbatte; lolaanis na marse; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu narra garagalan.
4 Then I said, 'I have been driven away from your sight; yet I will look again toward your holy temple.' Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
5 The waters closed in over me to the point of death; the deep surrounded me; seaweed was wrapped around my head. Bishaanonni na haguugan; tuujubni immoo na marse; aramaan galaanaas mataatti na marame.
6 I sank down to the roots of the mountains; the earth shut its gates behind me forever. But you brought my life up from the pit, my Father. Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
7 As my life was ebbing away, I remembered my Father, and my prayer rose to you, to your holy temple. “Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti ani sin yaadadhe; kadhannaan koos gara kee gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
8 Those who cling to worthless idols walk away from the love that could be theirs. “Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.
9 But I will sacrifice to you with grateful praise; I will keep every vow I have made. Salvation belongs to our Father! Ani garuu faarfannaa galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.
10 Then our Father spoke to the fish, and it vomited Jonah out onto the dry land. Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]