Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ecclesiastes 11 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Buddeena Bishaan Irraa

1Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.

2Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.

3Duumessi yoo bishaaniin guutame,bokkaa lafatti gad dhangalaasa.Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige,idduma itti kufe sana ciisa.

4Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu;kan duumessa ilaallatus hin haammatu.

5Ati akkuma daandii bubbee,yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana,hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illeebeekuu hin dandeessu.

6Inni kun yookaan inni sun,yookaan lachanuu wal qixxee tolu;inni kam akka tolu hin beektuutii;ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.

Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu

7Ifni miʼaawaa dha;aduu arguunis ija gammachiisa.

8Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee,inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu.Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu;isaan ni baayʼatuutii.Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.

9Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.

10Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneefdhagna kee keessaa hammina baasii gati.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]