Side by side with the Father's Heart Bible™ Raajii Baabiloniin Mormu
1Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,weeraraan tokko gammoojjiidhaa,biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
2Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
3Kana irratti dugdi na cite;akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;waanan argeenis nan raafame.
4Qalbiin koo ni raafame;sodaan na hollachiise;dimimmisni ani hawwe sunsodaatti na jalaa geeddarame.
5Isaan maaddii qopheessu;afaa diriirsu;ni nyaatu, ni dhugu!Isin qondaaltonni kaʼaa;gaachanas zayitii dibaa.
6Gooftaan akkana naan jedha:“Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;innis waan argu haa himu.
7Inni yommuu warra farda yaabbatankanneen lama lamaan yaaʼan,warra harree yaabbatanyookaan warra gaala yaabbatan argutti,haa dammaqu;guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
8Eegduun sunis akkana jedhee iyye;“Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaanqooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
9Kunoo, warri farda yaabbatan,lama lamaan dhufaa jiru;inni akkana jedhee deebise:‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!Fakkiiwwan waaqeffatamtoota ishee hundinuuburkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
10Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,ani waan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,Allaah Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
Raajii Edoomiin mormu
11Raajii Duumaan mormu:Namni tokko Seeʼiirii na waamee,“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
12Eegduun sunis,“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
Raajii Biyya Arabaatiin Mormu
13Raajii biyya Arabaatiin mormu:Isin imaltoonni Dedaankanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
14warra dheeboteef bishaan fidaa;isin warri Teemaa keessa jiraattan,baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
15Isaan goraadee jalaa,goraadee luqqifame jalaa,xiyya aggaamame jalaa,hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
16Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. 17Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Rabbii Allaahan Israaʼel dubbateeraatii.