Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Isaiah 20 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Raajii Gibxii fi Itoophiyaadhaan Mormu

1Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa, 2yeroodhuma sanatti Rabbii Allaahan karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.

3Kana irratti Rabbii Allaahan akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana, 4akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha. 5Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus. 6Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ ”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]