Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 18 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;murtii dhugaa hundaanis ni morma.

2Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.

3Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;salphinnis qaanii wajjin dhufa.

4Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.

5Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabnemurtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.

6Hidhiin gowwaa lola fida;afaan isaas rukutamuu itti waama.

7Afaan gowwaa badiisa isaa ti;hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.

8Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;gara kutaa garaattis gad buʼa.

9Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,obboleessa nama waa balleessuu ti.

10Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.

11Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.

12Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

13Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,gowwummaa fi qaanii dha.

14Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?

15Garaan nama hubataa beekumsa argata;gurri ogeessaas waan kana barbaada.

16Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.

17Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.

18Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.

19Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.

20Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;dubbii arraba isaatiinis ni guuta.

21Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

22Namni niitii argatu waan gaarii argata;fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.

23Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.

24Namni michoota baayʼisu ni bada;garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]