Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 18 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Whoever isolates himself pursues his own desire; he lashes out against all sound wisdom. Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma.
2 A fool takes no pleasure in understanding, but only in airing his own opinions. Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
3 When wickedness comes, contempt comes too, and with dishonor comes reproach. Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
4 The words of a person's mouth are deep waters; the fountain of wisdom is a flowing stream. Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
5 It is not good to show partiality to the wicked, denying justice to the righteous. Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
6 A fool's lips bring strife, and his mouth invites a beating. Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
7 A fool's mouth is his ruin, and his lips are a snare to his soul. Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
8 The words of a gossip are like choice morsels; they go down into the inmost being. Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
9 Whoever is slack in his work is brother to one who destroys. Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
10 The name of our Father is a strong tower; the righteous runs into it and is safe. Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
11 A rich man's wealth is his fortified city; in his imagination it is like a high wall. Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
12 Before destruction the human heart is proud, but humility comes before honor. Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
13 If one answers before he listens, it is his foolishness and his shame. Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.
14 A person's spirit can sustain him through sickness, but a crushed spirit—who can bear it? Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
15 The discerning heart acquires knowledge, and the ear of the wise seeks it out. Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
16 A person's gift opens the way for him and brings him before important people. Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
17 The first to state his case seems right, until another comes and examines him. Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
18 Casting the lot settles disputes and separates strong opponents. Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
19 An offended brother is harder to win than a fortified city, and disputes are like the bars of a fortress. Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
20 From the fruit of a person's mouth his stomach is satisfied; with the yield of his lips he is filled. Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
21 Death and life are in the power of the tongue, and those who love it will eat its fruit. Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
22 He who finds a wife finds what is good and receives favor from our Father. Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
23 The poor person pleads for mercy, but the rich answers harshly. Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
24 A man of many companions may come to ruin, but there is a friend who sticks closer than a brother. Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]