Side by side with the Father's Heart Bible™ 1Nami nama woliin wolii hin galle,fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;muraa haqaa maraayyuu hin morma.
2Nami gowwaan yaada ifii qofaanamatti mudhisuu barbaada malee,hubanti'itti hin gammadu.
3Hammeenni yennaa dhufu,tuffatamiisille hin dhufa;salphinnalle woliin qaani'itti dhufa.
4Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti;maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti.
5Nama hama'aaf goluun,yookiin nama yakkaa hin qannehaqa dhoogguun dansa'aa moti.
6Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa;afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.
7Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba.
8Dubbiin nama nama hamatuuakka sagalee mi'oottu'uu ti;isiin gara qochumaanii gad hin buuti.
9Nami huji'itti booseyuobboleessa nama wo balleessuu ti.
10Mootiin Waan Maraaakka xelleephoo jaddu'uu ti;worri balchooleenitti baqatanee bayan.
11Qabeenni dureeyyi'ii isaaniifakka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti;isaan akka dalleya dheera'aatittiisa hedatan.
12Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;ulfinnaan dura ammoogad ifi qabiisatti dhufa.
13Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,gowwumma'a;fokko'olle'e.
14Yaadi namaa dhibee hin ossata;yaadi yoo cabe ammooeentu isa fayyisuu dande'a ree?
15Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti;gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada.
16Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa.
17Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti,nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu,waan sirrii te'e fakkaata.
18Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa;wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa.
19Obboleessi yakkaan irratti hujameqachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata.Moromaan akka danqaraa sibiilaaka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti.
20Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa;dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya.
21Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba;worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.
22Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata.
23Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata;dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna.
24Jaaloti gariin nama balleessiti;jaaloti obboleessa caalaanamatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.