Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Hosea 6 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde

1“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa.Inni nu ciccireera;garuu nu fayyisa;inni nu madeesseera;garuu madaa keenya ni waldhaana.

2Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf,guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa;guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.

3Kottaa Waaqayyoon haa beeknu;isa beekuufis haa tattaaffannu.Akkuma aduun dhugumaan baatu sanainni dhugumaan ni dhufa;inni akkuma bokkaa gannaa,akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.

4“Yaa Efreem, ani maalan si godha?Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha?Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa,akkuma fixeensa barii baduu ti.

5Kanaafuu ani raajota kootiin isin ciccireedubbii afaan kootiin isin fixe;murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.

6Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii;aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.

7Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru;achittis anaaf hin amanamne.

8Giliʼaad magaalaa hamootaakan dhiigaan faalamtee dha.

9Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana,gareen lubootaas akkasuma godhu;isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaankaraa Sheekem irratti nama ajjeesu.

10Ani mana Israaʼel keessattiwaan suukaneessaa tokko argeera.Achitti Efreem ni sagaagale;Israaʼelis ni xuraaʼe.

11“Yaa Yihuudaa sittishaamamuun murteeffameera.“Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]