Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Hosea 14 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu

1Yaa Israaʼel, gara Rabbii Allaah keetiitti deebiʼi.Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!

2Dubbicha fudhadhuutiigara Rabbii Allaah deebiʼi.Akkanas jedhiin:“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,arjummaadhaan nu simadhu.

3Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;nu fardeen lolaa hin yaabbannu.Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,‘Waaqeffatamtoota keenya’ hin jennu;daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”

4“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,toluman isaan jaalladha;aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.

5Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;inni akkuma daraaraa ni daraara.Inni akkuma gaattiraa Libaanoonhidda isaa gad fageeffata;

6dameen isaa ni guddata.Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.

7Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.Inni akkuma midhaanii lalisa.Akkuma muka wayinii dagaaga;maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.

8Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?Kan deebii siif kennee si eegu anuma.Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;amanamummaan kee ana irraa dhufa.”

9Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.Karaan Rabbii Allaah qajeelaa dha;namni qajeelaan isa irra deema;finciltoonni garuu isa irratti gufatu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]