Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Psalms 16 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Miiktaamii Daawud.

Allaahan Dhaala Koo ti

1Yaa Allaah, ani kooluu sitti galeeraatii,ati na eegi.

2Anis Rabbii Allaahan, “Ati Gooftaa koo ti;ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.

3Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha;anis isaanitti baayʼee nan gammada.

4Warra waaqeffatamtoota tolfamoo duukaa buʼan,gaddi isaanii ni guddata.Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu;yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.

5Rabbii Allaahan qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti;ixaa koos situ naa jiraachisa.

6Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera;dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.

7Rabbii Allaah isa na gorsu sana ani nan jajadha;halkanis yaadni koo na qajeelcha.

8Ani yeroo hunda fuula koo duraa Rabbii Allaah qaba.Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

9Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;foon koos nagaadhaan jiraata;

10ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.

11Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattisgammachuudhaan na guutta;gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]