Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 17 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Uleen Aroon Late

1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. 3Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi. 4Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. 5Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.”

6Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture. 7Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Waaqayyoo dura kaaʼe.

8Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. 9Museen ulee sana hunda fuula Waaqayyoo duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.

10Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.” 11Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe.

12Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra! 13Namni dunkaana qulqulluu Waaqayyootti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]