Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 21 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The king's heart is a stream of water in our Father's hand; he turns it wherever he pleases. Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira; inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.
2 Every way of a person seems right in their own eyes, but our Father weighs the heart. Namatti hujiin inni huju martinuu sirrii isatti fakkaatti; Mootiin Waan Maraa ammoo yaada isaa hin madaala.
3 To do what is right and just is more pleasing to our Father than sacrifice. Balchumma'aa fi haqa hujuun, ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qaba.
4 Haughty eyes and a proud heart—the lamp of the wicked—are sin. Ifi jajiis, bondhooriisii fi hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.
5 The plans of the diligent lead surely to abundance, but all who are hasty end up in poverty. Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa; jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.
6 Making a fortune by a lying tongue is a fleeting vapor, a deadly trap. Karri arraba sobaatiin horatane, akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.
7 The violence of the wicked will drag them away, because they refuse to do what is just. Namooti hamaaleyyiin waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf, hunnaan nama irratti ka'iis isaanii haxowee isaan hin baleessa.
8 The way of the guilty is crooked, but the conduct of the pure is upright. Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a; karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.
9 Better to live in a corner of the roof than in a shared house with a quarrelsome wife. Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
10 The soul of the wicked craves evil; their neighbor finds no mercy in their eyes. Nami hamaan waan hantuu halcha; eennulle'eef marartii hin qabu.
11 When a mocker is punished, the simple grow wise; when the wise are instructed, they gain knowledge. Nami murgu yennaa adabamu, nami gowwaan qarummaa dhaggata; nama qaroo yennaa barsiisane, beekkumsa dhaggata.
12 Our Father, the Righteous One, observes the house of the wicked and brings the wicked to ruin. Waaqi balchaan, waan mana worra hama'aa keessatti hujamiisatti jiru hin beeka; worra hamaa san badii itti hin fida.
13 Whoever shuts their ears to the cry of the poor will also cry out and not be answered. Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne, innille rakkattee yennaa iyyu, nama isa qarqaaru hin dhaggatu.
14 A gift given in secret soothes anger, and a bribe slipped into the cloak calms strong wrath. Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa; safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle, aarii guddoo hin qabbaneessa.
15 When justice is done, it is a joy to the righteous but terror to those who do evil. Haqi yennaa hujamu, worra balchoota hin gammachiisa; worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.
16 A person who strays from the way of understanding will rest in the assembly of the dead. Nami karaa hubanti'ii irraa goru, yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.
17 Whoever loves pleasure will become poor; whoever loves wine and oil will never grow rich. Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata; nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.
18 The wicked become a ransom for the righteous, and the treacherous for the upright. Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti, nami hin addatannelle farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.
19 Better to live in a desert land than with a quarrelsome and complaining wife. Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa, goomolee keessa le'iisa woyya.
20 Precious treasure and oil are in the home of the wise, but a fool devours all he has. Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata; nami gowwaan waan qabu mara balleessa.
21 Whoever pursues righteousness and faithful love will find life, righteousness, and honor. Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu, jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.
22 A wise person scales the city of the mighty and brings down the stronghold they trust in. Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata; kushee isaan itti addatanulle hin diiga.
23 Whoever guards their mouth and tongue keeps themselves out of trouble. Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu, rakkinna irraa ifi eegata.
24 "Mocker" is the name of the proud and arrogant who acts with outrageous insolence. Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u, «Ka namatti murgu» jedhama; inni kooraan guutameera.
25 The craving of a lazy person kills him, for his hands refuse to work. Harki isaa hujii waan jibbuuf, nami booseyi kajeella'aan du'a.
26 All day long the craving grows, but the righteous give and do not hold back. Inni guyyaa guutuu kajeela; nami balchaan ammoo harka keessa adoo hin qabatin kenna.
27 The sacrifice of the wicked is detestable—how much more when brought with evil intent. Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba; yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.
28 A false witness will perish, but whoever listens will testify with lasting effect. Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi; dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo haga bara baraa hin jiraatti.
29 The wicked put on a bold face, but the upright give thought to their ways. Nami hamaan mataa jabaata; nami qajeelaan ammoo marroo hujii ifii itti yaadata.
30 There is no wisdom, no understanding, no counsel that can stand against our Father. Qarummaan, hubanti'ii fi karoorri Mootii Waan Maraa ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.
31 The horse is made ready for the day of battle, but victory belongs to our Father. Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan; ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]