Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 22 guj

Show guj only
Verse × ×
1 A good name is to be chosen rather than great riches, and favor is better than silver or gold. Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya; meeti'ii fi worqii caalaa fudhatama qabaachuu woyya.
2 The rich and the poor meet together; our Father is the Maker of them all. Isaan lamaanuu ka dade, Mootii Waan Maraa waan te'eef, dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.
3 The prudent sees danger and takes cover, but the simple keep going and pay the price. Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata; nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.
4 The reward for humility and the fear of our Father is riches and honor and life. Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
5 Thorns and snares lie in the path of the crooked; whoever guards his soul stays far from them. Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira; nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.
6 Train up a child in the way he should go, and even when he is old he will not depart from it. Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi; yennaa dulloomanelle isaan karaa san irraa hin goranu.
7 The rich rules over the poor, and the borrower is slave to the lender. Dureessi hiyyeessa bulcha; ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.
8 Whoever sows injustice will reap calamity, and the rod of his fury will fail. Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata; uleen aarii isaalle hin baddi.
9 Whoever has a generous eye will be blessed, for he shares his bread with the poor. Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf, nami arjaan hin eebbifama.
10 Drive out the scoffer, and strife goes with him; quarreling and abuse will cease. Nama murgu gad baasi; wol dhabille hin baya; lolli, arrabille hin jiraatu.
11 Whoever loves a pure heart and speaks graciously will have the king as his friend. Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu, jaala mooti'ii hin te'a.
12 The eyes of our Father keep watch over knowledge, but he overturns the words of the traitor. Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi; dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.
13 The lazy person says, "There is a lion outside! I will be killed in the streets!" Nami booseyi, «Neenqi ala jira! Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.
14 The mouth of forbidden women is a deep pit; whoever draws our Father's anger will fall into it. Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti; nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.
15 Foolishness is bound up in the heart of a child, but the rod of discipline drives it far away. Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti; uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
16 Whoever oppresses the poor to enrich himself, or gives to the rich, will come only to poverty. Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu, ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.
17 Listen carefully to the words of the wise, and apply your heart to my knowledge, Gurra keeti itti qabadhuutii, Waan qaroon jedhu caqasi! Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu!
18 for it will be pleasant if you keep them within you, if all of them are ready on your lips. Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii, yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu.
19 So that your trust may be in our Father, I have made them known to you today, even to you. Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf, ani adha si barsiisa.
20 Have I not written for you thirty sayings of counsel and knowledge, Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa soddoma ani si'iif hin barreessinee ree?
21 to teach you what is right and true, so that you may give a true answer to those who sent you? Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf, dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree?
22 Do not rob the poor because he is poor, or crush the afflicted at the gate, Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin; worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin.
23 for our Father will plead their cause and will rob of life those who rob them. Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf, nama isaan saamu hin saama.
24 Do not befriend a man given to anger, and do not go with a hot-tempered man, Nama aarammeessa jaala hin godhatin; nama dafee aarutti hin maxxanin.
25 or you will learn his ways and entangle yourself in a snare. Ati isa irraa barattee, tiyyoo isaa keessa seenta fa'a.
26 Do not be one of those who give pledges, who put up security for debts. Nama waada'aaf harka namaa dhowu, yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in.
27 If you have nothing to pay with, why should your bed be taken from under you? Ati waan kaffaltuu yoo dhadde, itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti.
28 Do not move the ancient boundary stone that your fathers set up. Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin.
29 Do you see a man skillful in his work? He will stand before kings; he will not stand before ordinary men. Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa? Inni mootota dura tajaajila malee, nama mara dura hin tajaajilu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]