Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 20 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Wine is a mocker, strong drink a brawler, and whoever staggers under it is not wise. Daadhiin woyni'ii murgaamessa, untoon jadduun xeenxiraa nama gooti; nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti.
2 The terror of a king is like the growl of a lion; whoever provokes him to anger forfeits his own life. Aariin mooti'ii akka neenqa dhangaa dhowuu ti; nami isa aarsulle jiruu ifii dhaba.
3 It is an honor for a person to keep clear of strife, but every fool is quick to quarrel. Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna; gowwaan yennaa mara lola kaasa.
4 A lazy person will not plow in autumn; so at harvest he looks for a crop and finds nothing. Nami booseyi yenna'aan hin qotatu; yennaa midhaan galfatanu inni midhaan barbaada, ammoo womaa hin dhaggatu.
5 The purposes of a person's heart are deep waters, but one who has understanding draws them out. Yaadi gadhaa namaa akka bisaan qilee keessaa ti; nami qalbii qabu ammoo achi keessaa hin woraabbata.
6 Many a person proclaims his own loyal love, but a faithful one—who can find? Nami hedduun, «Nuuti worra addatama'a» ifiin jedhan; nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande'a?
7 The righteous walk in their integrity; blessed are their children after them! Nami balchaan komii malee le'a; ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.
8 A king seated on the throne of judgment winnows out all evil with his eyes. Mootiin barcumaa mura'aa irra tee'eeru, iluma ifiitiin waan hantuu ilaalee beeka.
9 Who can say, "I have kept my heart pure; I am cleansed from my sin"? Eennutti, «Ani gadhaa kiyya qulqulleeffadheera; ani cubbuu hin qabu» jedhuu dande'a ree?
10 Unequal weights and unequal measures—our Father detests them both. Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'inii fi safara sirrii hin te'in jibba.
11 Even a child is known by his actions, by whether his conduct is pure and upright. Ijoolleenuu qulqulloota akka te'ane, sirrii te'uu isaaniille, hujii ifiitiin hin beekkaman.
12 The hearing ear and the seeing eye—our Father made them both. Gurra dhage'uu fi ila dhaggitu, lachuu ka dade Mootii Waan Maraa ti.
13 Do not love sleep, or you will grow poor; open your eyes, and you will have plenty of bread. Akka hin hiyyoommane, hirriiba hin jaalatin. Midhaan akka quuttu, dammaqii hujadhu.
14 "Worthless, worthless!" says the buyer—then off he goes and boasts of his bargain. Nami woy bitatu, «Wonni kun baddu'u, wonni kun baddu'u» jedha; bitateen duuba, «Dansaa bitadhe» jedhee ifi jaja.
15 There is gold and an abundance of jewels, but lips that speak knowledge are a rare treasure. Worqi'ii fi dooqi baca'atti jira; afaan dubbii beekkumsaa dubbatu ammoo, akka dhakaa gatii guddo'oo ti.
16 Take the garment of one who puts up security for a stranger; hold it as a pledge when he does so for foreigners. Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; marroo nama alagaa sanii woyaa isaa qabadhu.
17 Bread gained by deceit tastes sweet, but afterward the mouth is full of gravel. Sagaleen hannaan dhaggante namatti hin mi'ootti; duubarra ammoo akka maansa afaan nama guutee teeti.
18 Plans are established by counsel; so wage war only with wise guidance. Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu; qajeelfama fudhadhuu duuli.
19 A gossip betrays a confidence; so do not keep company with a babbler. Nami hamatu dhossaa mudhisa; tanaaf nama dubbii baceessu irraa fagaadhu.
20 Whoever curses his father or mother—his lamp will be snuffed out in deepest darkness. Nami abba'aa fi haadha ifii abaaru, akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te'a.
21 An inheritance gained too quickly at the start will not be blessed in the end. Qabeenni jalqaba irratti dafee dhaalaan dhufu, dhuma irratti eebba hin qabu.
22 Do not say, "I will pay back evil for evil." Wait for our Father, and he will deliver you. Nami si irratti waan hantuu yoo huje, «Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin; Mootiin Waan Maraa si baasaa, isa eegadhu.
23 Our Father detests unequal weights, and dishonest scales are no good. Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'in hin jibba; safari sirrii hin te'inille isa hin gammachiisu.
24 A person's steps are directed by our Father; how then can anyone understand his own way? Ijjata namaa ka qajeelchu Mootii Waan Maraa ti; nami karaa ifii attam beekuu dande'a ree?
25 It is a trap to rashly dedicate something and only later reconsider the vow. Nami tokko adoo itti hin yaadin, Waaqaaf waadaa galee, duuba irra yoo gaabbe, tiyyoo seeniisa.
26 A wise king winnows out the wicked and drives the threshing wheel over them. Mootiin qaroon worra hamaa miidhassee beeka; inni marartii malee isaan hin adaba.
27 The human spirit is the lamp of our Father, searching every inmost part. Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala; keessa namaalle hin qorqora.
28 Loyal love and faithfulness preserve a king; by loyal love his throne is upheld. Mararti'ii fi addatamummaan nageyaan mootii eegan; barcumaan mootummaa isaa addatamumma'aan jabaatee dhaabbata.
29 The glory of the young is their strength, but the splendor of the old is gray hair. Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti; ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti.
30 Wounding blows scrub away evil, and beatings cleanse the inmost parts. Adabbiin madeessitu waan hantuu qulqulleessiti; dhaaniisille keessa namaa qulqulleessa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]