Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 19 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Better is a poor person who walks in his integrity than one whose words are crooked and is a fool. Gowwaa dubbii micciiruu mannaa, hiyyeessa komii male le'u woyya.
2 Also, desire without knowledge is not good, and whoever acts in haste misses the way. Beekkumsa adoo hin qabaatin, halchaan callaan dansa'aa moti; nami akka malee ariifatu karaa irraa gora.
3 A person's own foolishness ruins his way, yet his heart rages against our Father. Nami gowwummaa ifiitiin jiruu ifii balleessa; gadhaa ifii keessatti ammoo Mootii Waan Maraa komata.
4 Wealth adds many friends, but the poor is separated from his friend. Durummaan jaala hedduu namaa fiddi; hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba.
5 A false witness will not go unpunished, and one who breathes out lies will not escape. Nami dharaan dhugaa bayu, adoo hin adabamin hin hafu; ka dhara dubbatulle adabbii jalaa hin bayu.
6 Many seek the favor of a generous person, and everyone is a friend to one who gives gifts. Namooti hedduun qondaaltota duratti fudhatama dhaggatiisa barbaadan; nama wo namaa kennuufille martinuu jaala.
7 All the brothers of a poor person hate him; how much more do his friends keep far from him! He calls after them, but they are gone. Nama hiyyeessa firri isaatuu eega jibbee, jaaloti isaa ammoo attam attam caalchisanee isa irraa fagaatanu ree! Inni kadhataa isaan gula deema, isaan ammoo irraa fagaatan.
8 Whoever gets wisdom loves his own soul; whoever guards understanding will find good. Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata; nami hubantii jaalatu hin qananooma.
9 A false witness will not go unpunished, and one who breathes out lies will perish. Nami dharaan dhugaa bayu, adoo hin adabamin hin hafu; ka dhara dubbatulle hin bada.
10 Luxury is not fitting for a fool—much less for a servant to rule over princes. Qananummaan gowwa'aaf hin teetu; qondaaltota bulchiisi garbichaaf caala'aayyuu attam attam baddu'u!
11 The good sense of a person makes him slow to anger, and it is his glory to overlook an offense. Qarummaan ossata namaaf kenniti; arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna.
12 A king's wrath is like the roaring of a lion, but his favor is like dew on the grass. Aariin mooti'ii akka dhangaa dhowiisa neenqaa ti; fudhatama isa irraa dhaggatiis ammoo akka fixeensa marra irraa ti.
13 A foolish son is ruin to his father, and a wife's quarreling is a continual dripping. Ilmi gowwaan abbaa ifiititti badii fida; haati manaa dubbattittiin akka bokkeya qacacuu ti.
14 House and wealth are an inheritance from one's ancestors, but a prudent wife is from our Father. Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan; haati manaa qalbittiin ammoo kennansa Mootii Waan Maraa ti.
15 Laziness casts into deep sleep, and an idle person will go hungry. Booseyummaan hirriiba hamaa namatti fida; nami hujii malee tee'u beelaan rakkata.
16 Whoever keeps the commandment keeps his life; whoever despises his ways will die. Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata; nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du'a.
17 Whoever is generous to the poor lends to our Father, and our Father will repay him for his deed. Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti; Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala.
18 Discipline your son while there is hope, and do not set your heart on his destruction. Deebisiisaaf adoo addiin jirtuu, ijoollee teeti adabi; gad lakkittee akka isaan du'anu hin godhin.
19 A person of great wrath must pay the penalty; for if you rescue him, you will only have to do it again. Nami akka malee aaru tokko gatii aarii sanii fudhatuu qaba; ati yennaa tokko rakkoo keessaa yoo isa baatte, itti deebi'iis keeti ammalle hin hafu.
20 Listen to counsel and accept discipline, that you may gain wisdom in the days to come. Gara duraa qaroo akka teetuuf, gorsa caqasi; qajeelfama fudhadhu.
21 Many are the plans in a person's heart, but it is the counsel of our Father that will stand. Gadhaa namaa keessa Yaada heddu'utti jira; ka te'u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.
22 What is desired in a person is covenant love, and a poor person is better than a liar. Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti; dharaamessa te'iisaa mannaa, hiyyeessa te'uu woyya.
23 The fear of our Father leads to life, and whoever has it rests satisfied, untouched by harm. Mootii Waan Maraa sodaatiis gara jiru'uu nama geessa; nami Mootii Waan Maraa sodaatu gabbi jedhee le'a; wonni hantuulle isa hin tuxxu.
24 The sluggard buries his hand in the dish and will not even bring it back to his mouth. Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; gara afaan ifiituu hin deebifatu.
25 Strike a mocker, and the simple will learn prudence; reprove a person of understanding, and he will gain knowledge. Nama murgu dhaani; nami gowwaalle qarummaa hin barata; nama hubataa xixi innille beekkumsa hin dhaggata.
26 Whoever does violence to his father and drives away his mother is a son who brings shame and disgrace. Ka abbaa ifii saamu, haadha ifiille ka manaa ari'u, ilma fokko'oo fi salphinna fidu.
27 Stop listening to instruction, my son, and you will stray from the words of knowledge. Ilma kiyya, ati yoo gorsa kiyya dhage'iisa lakkitte, waan beettuuyyuu irraa badda.
28 A worthless witness mocks at justice, and the mouth of the wicked gulps down wickedness. Dhugaa bayaan dharaa haqa irratti murga; afaan nama hama'aa waan hantuu gad liqinsa.
29 Punishment is prepared for mockers, and beatings for the backs of fools. Worra murguuf muraan, worra gowwa'aaf dhaanichi qophoweera.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]