Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 19 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Gowwaa daba dubbatuu mannaahiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.

2Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.

3Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;garaan isaa immoo Rabbii Allaahatti aara.

4Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.

5Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.

6Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.

7Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuuisaan eessattuu hin argaman.

8Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.

9Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;namni soba odeessus ni bada.

10Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree?

11Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.

12Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.

13Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;niitiin nyakkiftunisakka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.

14Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.

15Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.

16Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.

17Namni hiyyeessaaf garaa laafu Rabbii Allaahaf liqeessa;Allaahanis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

18Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.

19Namni dafee aaru adabamuu qaba;ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.

20Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

21Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.

22Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.

23Rabbii Allaah sodaachuun jireenyatti nama geessa;yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.

24Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;gara afaan isaattis hin deebifatu!

25Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.

26Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

27Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.

28Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.

29Qoostotaaf adabbii,dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]