Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 19 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Better is a poor person who walks in his integrity than one whose words are crooked and is a fool. Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
2 Also, desire without knowledge is not good, and whoever acts in haste misses the way. Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.
3 A person's own foolishness ruins his way, yet his heart rages against our Father. Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Rabbii Allaahatti aara.
4 Wealth adds many friends, but the poor is separated from his friend. Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.
5 A false witness will not go unpunished, and one who breathes out lies will not escape. Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.
6 Many seek the favor of a generous person, and everyone is a friend to one who gives gifts. Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.
7 All the brothers of a poor person hate him; how much more do his friends keep far from him! He calls after them, but they are gone. Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman.
8 Whoever gets wisdom loves his own soul; whoever guards understanding will find good. Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
9 A false witness will not go unpunished, and one who breathes out lies will perish. Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada.
10 Luxury is not fitting for a fool—much less for a servant to rule over princes. Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree?
11 The good sense of a person makes him slow to anger, and it is his glory to overlook an offense. Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.
12 A king's wrath is like the roaring of a lion, but his favor is like dew on the grass. Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
13 A foolish son is ruin to his father, and a wife's quarreling is a continual dripping. Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.
14 House and wealth are an inheritance from one's ancestors, but a prudent wife is from our Father. Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.
15 Laziness casts into deep sleep, and an idle person will go hungry. Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.
16 Whoever keeps the commandment keeps his life; whoever despises his ways will die. Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.
17 Whoever is generous to the poor lends to our Father, and our Father will repay him for his deed. Namni hiyyeessaaf garaa laafu Rabbii Allaahaf liqeessa; Allaahanis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
18 Discipline your son while there is hope, and do not set your heart on his destruction. Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
19 A person of great wrath must pay the penalty; for if you rescue him, you will only have to do it again. Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.
20 Listen to counsel and accept discipline, that you may gain wisdom in the days to come. Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
21 Many are the plans in a person's heart, but it is the counsel of our Father that will stand. Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.
22 What is desired in a person is covenant love, and a poor person is better than a liar. Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
23 The fear of our Father leads to life, and whoever has it rests satisfied, untouched by harm. Rabbii Allaah sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.
24 The sluggard buries his hand in the dish and will not even bring it back to his mouth. Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu!
25 Strike a mocker, and the simple will learn prudence; reprove a person of understanding, and he will gain knowledge. Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.
26 Whoever does violence to his father and drives away his mother is a son who brings shame and disgrace. Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
27 Stop listening to instruction, my son, and you will stray from the words of knowledge. Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.
28 A worthless witness mocks at justice, and the mouth of the wicked gulps down wickedness. Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.
29 Punishment is prepared for mockers, and beatings for the backs of fools. Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]